17/05/2024
Barnoota qulqullina qabu lammii hundaan gahuudhaan dhaloota beekumsaa fi dandeettii gahaa goonfatee ijaarsa biyyaa keessatti gumaacha taasisu bal’inaan horachuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jira.
Guddinaa fi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf barnootni bu’uura akka ta’e kan hubatu Paartiin Badhaadhinaa dhimma barnootaa hojii ijoo taasisuudhaan sagantaawwan garaa garaatiin deeggaree hojiirra oolmaa isaatiif tumsaa jira.
Keessumattuu, inisheetiivii manneen barnootaa bu’uura boruu sadarkaa hundatti babal’isuuf qabameen waggoottan darban keessa hojiin egereef bu’uura cimaa ta’u hojjatamaa jira. Hojiin kun hirmaannaa hawaasaa fi qaamolee garaa garaatiin deeggaramee firii gaarii ta’e buusuu irratti argama.
Manneen barnoota bu’uura boruu daa’imman kichuudhaaf carraa barnootaa argamsiisuun cinaatti, hirnaannaa mul’ataa jiruun fedhii guddaa ummatni keenya misooma barnootaatiif qabu ifatti kan dhugoomsedha.
Magaalaa Adaamaatti manneen barnoota bu’uura boruu hirmaannaa hawaasaa, abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee garaa garaatiin ijaaraman keessatti adeemsi baruu fi barsiisuu qulqullinaan kennamaa kan jiru yemmuu ta’u, milkaahina gama kanaan argame caalmaatti guddisuuf manneen barnoota bu’uura boruu dabalataan ijaaruun itti fufeera.