Jemal Muhaammed Hamda

Jemal Muhaammed Hamda Alhamdullilayi yaa raabbii koo tikka keeti hardhaa genee yaa raabbii Alhamdullilayi

27/11/2023

“Godannisa Laphee”
======
Godaannisni maali?
Mee waansaa naaf himaa
Hiikaa itti laachuun
Anaaf baay'ee cimaa
======
Gaafa yaanni wayii
Laphee keerra taa'ee
Akka hin fayyinetti
Keessi kee madaa'ee
======
Madaan sun kulkulee
Gaaf sirraa mala'ee
Sana booda qooree
Godaannisa ta'ee
======
Laphee keerra taa'a
Jireenya kee guutuu
Akka hin dagannetti
Hanga gaafa duutuu
======
Lakkaa'amee hin dhumu
Godaannisni dhibbaa
Kan rakkoof kan dhibee
Kan jaalalaaf jibbaa
======
Tokko lama jechuun
Guyyaan har'a geessee
Guyyaan sunis darbe
Waan baay'ee balleessee
======
Wanta dabarsine
Himuudhaf tarreessee
Afaaniin dubbadhee
Qalamaan barreessee
======
Dada'ee hin fixu
Seenan haa dubbatuu
Isa garaan kankoo
Yaadatee gubatuu
======
Meeqaa kamtu jiraa....?
Waadaa waliif seenee
Kan waliif kakatee
Gaafa guyyaan geessu
Waan hundaa dagatee
======
Daadii dheeraa deemuf
Waliin ba'ee manaa
Osoo deemaa jiruu
Karaatti wal ganaa
======
Kuun sobee kakannaan
Tokko dhugaa se'ee
Riqicha tokkorraa
Waliin laga ce'ee
======
Sobee sossobeetin
Namarraa fageessee
Akka hin fayyinetti
Laphee isaa madeessee
Hallayyaatti gatee
Ofii biraa dheessee
======
I love you jechaa
Kan hallayyaa seenee
Of duuba hin deebine
Yookan gama hin ceenee
======
Meeqa kufee hafe
Meeqatu rarra'ee
Kaayyof muldhannisaa
Kan harkaa harca'ee
======
Jaalala sobaatin
Hamileensaa cabee
Kufa hin taane kufee
Kan ka'uu dadhabee
======
Tokkoo lamaa miti
Hin fixu lakkaa'ee
Nama godaannisni
Laphee isaarraa taa'ee
======
Waanuma argeefi
Waanuman dhaga'ee
Keessa koo na quuqee
Barreessuudhaf ka'ee
======
Anis beekumsi koo
Silumaa Xiqquumaa
Dubbisuu keessaniif
Guddaa galatoomaa
======JM

27/11/2023

𝐎𝐬𝐨𝐨 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢… ..
--------------------------------------------
Eee Uumamuun keenya
dachii irratti
dubbatamee jira
Rabbiin biratti ²^

Kaayyoof malee
bilaash hin argamne.
Isa gabbaruu malee
akka hin hafne.
Jedhee jala muree
nutti hime kaaliquun
Maaliree gabbartii
isaa dinnee miliquun!!?.²^ 🤔

Miliquun keenya
isa jalaa nu baasaa!!??.
Lakkaa yaa jarana
girdoo of jalaa kaasaa. ²^

Osoo akka keenyaatii
duniyaan hundi nuuf taati.
Garuu fedhii
keenyaamii kan ta'u
fedhii kaaliqaati.²^

Kana hunduu beeknaa
yoom amannee
fudhannaa!!!????.
Osoo akka keenyaatii
Yoom waan jaalanne
Dhabna.!!²^🤷🏽‍♂️

Osoo akka
keenyaatii ni feenaa
beela buluu agabuu!!??.
Rabbitti haa irkannuu
kan isa abdate
waa hin dhabuu. ²^

Akka fedhe
hojjataa waan fedhe
godhaa inni
Yoo fedhe
qajeelchaa
ykn jallataa finni.²^

Akki nuti feenu
hundumtuu
nuuf guutuu.
Ofirraa deebisuu
musiibaa nutti buutu
Silaa akka keenyaatii
is-raa'eel. Hin jiraatu. ²^

Garuu duunu malee
jannata argannaa
Silaa jibbamneeyyuu
teennee amata haganaa. ²^

Yaa Rabbi
nuuf kenniii
sabrii fii sabaata
Mee maalu dhabnee
Diinii kana qabaataa
Namni diinii qabu
Keessi isaa Gabbataa. ²^

Wolumaa galattuu
Wonni naa hubattu
Fedhii kaaliqaa malee
Tan feene hin taatuu
Waan inni nuun fedhe
Gammachuun fudhatu. ²^

Gammachuutu jiraa
Rabbiif butamnaan
Lubbuudhaan wol lolaa
Rabbumaaf bitamnaan
Milkii hin shakkinii
Lubbuuf ajaja dinnaan. ²^

Yaa Rabbi nu tolchii
Keessaan nu bareechii
Ibaadaa godhachuu
Irratti nu jabeessii
Gaafa duunee deemne
Jannata nu geessi. ²^

Rahmata kee kajeellaa
Hin tollu san malee
Iimaanalleen qabnuu
Xocheedha dalaggaalleen
Umriin dhumaa jirtii
Aakiraan dhufaa jirtii
Rabbiin nu haa tiksuu
Ruhiin ni jarjartii. ²^

Dhaabachuuf adeemaa
Haasaa koo gabaabsee
Fedhii Rabbii malee
Hin taatu fedhiin nabsee
Lubbuu koof keessaniif
Kanuma dabarsee
Dhiifama naaf godhaa
Worri isin aarse!. ²^
Ok

27/11/2023
TIKAA KEETI HARDHAA GENEE YAA RAABBII ALHAMDULLILAYI
16/07/2023

TIKAA KEETI HARDHAA GENEE YAA RAABBII ALHAMDULLILAYI

Alhamdullilayi yaa raabbii koo tikka keeti hardhaa genee yaa raabbii Alhamdullilayi

16/07/2023

JECHOOTA FILATAMOO

1. Hammam dheeraa taatus boru
arguu hin dandeessu.

2- Konkolaataa kumaatama
qabaattus, kutaa siree lukaan
deemuun kee dirqama.

3-Daaktuu beekamaa taatus
Qurxummii ta'uu hin dandeessu.

4- Nama jabaa beekamaa biyyaa
taatus gaara sochoosuu hin
dandeessu.

5- Poolisii beekamaa taatus
lubbuu qabuu hin dandeessu.

6- Diimaas ta'i adiis ta'i,
Garuu gaaddidduun kee gurraachuma.

7- Kan arge hunda qabuuf kan
yaale, guyyaa tokko bofa qabee
hiddama.

8- Booji'ameera jettee nama
abaarame waliin hin oolin.

9- Hiriyyaa gaarii salphaatti bituu hin dandeessu, haa ta'uuti garuu salphumatti gurguruu dandeessa.

10 Adurreen gadaamii seentus,
adurrummaa ishee hin jijjiirtu

11 Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee, kopheen qixxeessuuf luka hin muran!

12- Moo’uu jechuun 1ffaa bahuu qofa osoo hin taane,jijjiiramas agarsiisuudha!

13- Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane, barumsi nama keessa darbuudha!

14- Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee baratta!

15- Akka addunyaatti yaadii akka naannootti jiraadhu

Ergaa dabalataaf👇

Address

Doha Port

Telephone

+97470684145

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jemal Muhaammed Hamda posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category