Mana akumaa

Mana akumaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana akumaa, Grocers, Shagaa, Riyadh.

27/06/2024

Ajandaan keenya marii biyyaalessaati!

16/06/2024

๐Š๐š๐ง๐ญ๐ข๐ข๐›๐š๐š๐ง ๐๐ฎ๐ฅ๐œ๐ก๐ข๐ข๐ง๐ฌ๐š ๐Œ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐€๐ ๐ ๐š๐š๐ซ๐จ๐จ ๐Ž๐›๐›๐จ ๐๐š๐ณ๐ข๐ข๐Ÿ ๐Œ๐š๐ก๐š๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐๐š๐ฆ๐ข๐ข๐ง Ayyaana Arafaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan !!

Kabajamtootni hordoftoota Amantaa Islaamaa Magaalaa Aggaaroofi biyya keenyaa hundi baga Ayyaana Arafaa bara hijraa 1445ffaa nagaan geenye jechaa ayyaanni kun hordoftoota amantaa Islaamaa biratti kabajaafi jaalala olโ€™aanaadhaan ayyaaneffatamu, guyyaa araarrii fi dhiifamni rabbii guddaa itti mulโ€™ate taโ€™uudhaanis ulfina guddaadhaan yaadatama.

Ajaja Rabbii qixaan fudhachuu, isaafis abboomamuun gochaan kan itti mulโ€™ate Iid Al Adahaan guyyaa Nabi Ibraahim tokkicha ilma isaa akka qaroo ijaatti mararfatuufi umrii isaa wagga 95 booda argate Ismaaโ€™eliin ajaja rabbi biraa itti dhufe guutuuf jecha aarsaaf itti qopheessedha.

Ismaa'elis ajajni Rabbiin biraa dhufe akka raawwatamuuf abbaa isaa Nabi Ibraahimiif abboomamee mamii tooko malee aarsaa ta'uuf dabarsee of kenne. Murtee kutannoo guutameenis Ibraahim gaara Arafaa irratti ilmasaa aarsaa gochuuf wayita qophaaโ€™u, Rabbi guddaan murtoo Ismaa'el aarsaa akka ta'uuf dabarfame Hoolaa qalmaatiin bakka buusee Ismaa'eliin du'arraa baraaruun rahmatummaaf dhiifama isaa gochaan agarsiise.

Taateen kun ajaja Rabbiitiif abboomamuun kabaja ta'uu kan agarsiiseefi rahmatummaan Rabbin dhala namaaf qabus bal'aa ta'uu kan mirkaneesseedha.

Guyyaa dinqisiisaan ayyaana Iid Al Adahaa (Arafaa) sirna ho'aan kabajamaa dhalootaa dhalootatti darbaa as gaโ€™e kun bu'uura cimaa kan qabuu fi hordoftoota Amantaa Islaamaa biratti qajeeltoo Amantichaa karaa eegeen wagga waggaan kan kabajamudha.

Aadaafi duudhaa gaarii akka biyyaatti qabnu dagaagsuun qormaataawwan nu mudatan hundayyuu ni injifanna.

Ayyaanichi kan nagaa, jaalalaafi kan badhaadhinaa isiniif haa ta'u yemmuun jedhu gammachuu guddaadhaani!

๐๐š๐ณ๐ข๐ข๐Ÿ ๐Œ๐š๐ก๐š๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐๐š๐ฆ๐ข๐ข๐ง

Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo

Waxabajjii 8,2016

Ayyaana Gaarii !!

07/06/2024

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Uzef Awol Kedir, Ahmed Omer Muhamed, Edo Obse, Wabii Lammii

11/04/2024
09/04/2024

Ustaz Ahmaddin Jabal seenaa hojjate .

Itiyoophiyaatti guyyaan juma'aa guyyaa boqonnaa akka ta'u, guyyaa sana manneen barnootaa fi dhaabileen mootummaa fi mit-mootummaa cufaa akka olaan, akkasuma lakkoofsa bara Hijraa Kalandarii biyyaatti kheessatti akka hammatamu waamicha dhiheesse.

jettu male biran darbi
Waamicha deebii qabu Rabbi haa taasisu.
Maashaa Allaahโ€ผโœ…

09/04/2024
08/04/2024

Address

Shagaa
Riyadh

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana akumaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category