25/02/2024
Seexanni jira. ❎
Seexanni Hin jiru.✅
FI .
Seexanaa Jechi jedhu kun yeroo baay'ee waan nama sodaachisuu fi shororkeessu akkasumas waan yeroo baay'ee nama doorsisuu.
Seexanni sammuu nama Seexanaa sodaatuuti.
gaafa nuti ijoollee warri keenya Bulguu waan duraa dubaan ija afur qabu kan jiraa namaa bilcheesuun nyaatudha jedhanii nu doorsisuu.
kun immoo Sababnisaa akka nutti hin boonyefi.
Garuu gaafa guddannu akka hin jirre mirkaneeffana. Garuu gaafa ijoollee ture sanas hinjiru ture.
haa ta'u malee Abbaan Bulguu sammuu ijoollee kamuu keessa malee hinjiru. Kanaaf Abbaan Bulguu sammuu ijoollee Bulguu sodaatuuti.
sammuu nama Seexanaa sodaatuti.
Sababiin namni akka Seexanaa sodaatu ta’e akkuma ijoolleen akka booyicha dhiistuuf warri keenya fayyadamaa turan san warri amantiilee bargaama dhufanii akka namni amantii isaanii jala godaananiifi. Kun immoo maltee (toftaa ) namni malee miseensa ittin baay'ifatuudha.
akka waliigalaatti Seexanni hin jiru.
Wantii namaaf nama wallitti naquu :- namni walii obsuu dhabuu, wal gorsuu dhabuu, Heera wallaaluu, fi gaatii walii kennuu dhiisuudha.
Kanaaf Seexanni hin jiru.
of ta'i of ta'uutu caala barana.