Oromia go Oromo

Oromia go Oromo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia go Oromo, Grocers, Ginnir, Atlanta, GA.

08/20/2025

01/30/2024
01/30/2024
01/08/2024

Federaalizimii Sabdaneesa Itoophiyaaf

Federaalizimiin sirnoota biroo caalaa daneessummaa keessummeessudhaan filatama.

Biyyoota eenyummaa hedduu qabaniif gaaffii mirga eenyummaa kabajuu fi mirga ofiin of bulchuu jedhu deebisuun tokkummaa biyyaalessaa eegee itti fufsiisuf caasseffamni kuni sirnoota biroo caalaa filatamaa dha. Keessumaa biyyoota akka Itoophiyaa sabdaneessa ta'anii fi duudhaa waliin jireenyaa dilbii qaban kanatti sirni federaalizimii caaseffama mootummaa biroo caalaa eenyummaa ilaalchisee gaaffiwwan ka'aniif deebii gahaa kennuuf kan gargaaru, dimokiraasii mirkaneessuf carraa kan uumuu ta’uu isaatin kanneen biroo caalaa filatamaa taasisa.

Paartiin Badhaadhinaas hundeeffama isaarraa eegalee heddumina sirnaan keessummeessuun federaalizimii biyyoolessaa dhugaa qabatamaan hojiirra oolchuun gaaffii ka'aniif deebii kennuun mirkaneessaa jira.

01/01/2024

ፈጣሪ ይመስገን እንጂ ሌላ ምን ሊባል ይችላል!
Uumaaf galanni haa ta'u malee kanbiraa maaltu jedhamuu danda'a!

01/01/2024
Leenjiin mata duree 'Miidiyaa Dijitaalaa Ijaarsa Seenessa Waloof' jedhu magaalaa Baatuutti kennamuu eegale~~~Miidiyaan d...
01/01/2024

Leenjiin mata duree 'Miidiyaa Dijitaalaa Ijaarsa Seenessa Waloof' jedhu magaalaa Baatuutti kennamuu eegale
~~~

Miidiyaan dijitaalaa ijaarsa biyyaa keessatti shoora olaanaa taphata.
Biyyoonni miidiyaa dijitaalaa sirnaan fayyadamanii daandii sirriin hojiirra oolchan hedduun guddina damdaneessa galmeessuun fayyadamummaa ummata isaanii mirkaneessaniiru. Biyyi keenyas biyya ijaarsi seenessi dogoggora babal'ateef haqarra dabni bakka qabachuuf kaatu tahus lammilee isheetiin seenissi dogoggoraa haqamee seenessi waloo lafa akka qabatuuf kutannoon hojjetamaa jira.

Naannoo Oromiyaa Magaalaa Baatuutti leenjiin mata duree 'Miidiyaa Dijitaalaa Ijaarsa Seenessa Waloof' jedhu ogeeyyii miidiyaa dijitaalaa sadarkaan jiraniif kennamuu eegaleera.

Leenjicha irratti kan argaman Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa biyyi kallattii sirriin akka deemtuuf seenessi waloo murteessaa tahuu kaasanii sana keessaas tarsiimoof karoorri raawwii hojii qophaahuun ijaarsa biyyaaf ooluun sirrii tahuu himaniiru.

Falaasamni seenessa waloon dabaalame sirriin hawaasa bira gahuun murteessaadha kan jedhan Obbo Fiqaaduun seenessa waloo kana balballoomsuun hawaasa biraan gahuuf miidiyaan dijitaalaa murteessaadha jedhan. Bara teknoloojii kanatti Ogeeyyii ga'ooman qabaachuun murteessaadha jedhanii jibbiinsaafi olola sobaa oofamu kamuu fashaleessuu keessatti kutannoo hojjechuun seenaa boonsaa akka galmeessitan abdiin qaba jedhaniiru.

Miidiyaa Dijitaalaa Ijaarsa Seenessa Waloof.

Dirree Sheek Huseen•••Dirreen Sheek Huseen godina Baalee Bahaatti fageenya  magaalaa Finfinnee irraa kiiloomeetira 615, ...
12/23/2023

Dirree Sheek Huseen
•••
Dirreen Sheek Huseen godina Baalee Bahaatti fageenya magaalaa Finfinnee irraa kiiloomeetira 615, magaalaa guddoo godinaa Gindhiir irraa kiloometira 111 fagaatte aanaa Gololchaa ganda Dirreetti argama. Dirreen iddoo aadaa , seenaa fi amanta tahuudhaan beekamu dha.

Dirreen Sh/Huseen waggaatti al lama ayyaana muuda gurguddaan Zaaraa fi Hajjii irraatti adeemsifamuu dha.

Ayyaanni muuda Zaaraa yeroo kabajamu,kaayyoon guddaa isaa guyyaa dhaloota Sh/ Huseen yaadachuuf yoo ta’u , ayyaanni inni lammaffaa immoo guyyaa Arafatiin kan walirra ooluun muuda Hajjii kan jedhamuudha.

Kabaja guyyaa kanaatiif ummanni kumaatamatti lakka’amu biyya keessaa fi biyya alaa irraa irraatti hirmaachuun ayyaanicha qoodata.

Miidhaginna hawwatichaa kan ta’e gamoo qofa osoo hin taane sirnoonni asitti taasifamu kan akka baaroo fi lallaba hawwatummaa iddichaa dachaadhaan akka dabalu taasisa.

08/23/2023

Address

Ginnir
Atlanta, GA

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia go Oromo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category