09/24/2023
Mormii Gujii: Dhugaa lafa jirtu, ololaa fi hegeree (obsaan dubbisaa yaada itti kennaa me!)
Durumaanuu jalqabee dhimma kana hordofaa tureera. Ji’oota lama ummata Gujii gidduu deddeemee waan hafelle qulqulleeffadhe. Ani kana argee isin maal jettan?
Ka’umsa
Qabsoo woyyaanee kuffisuu keessatti Gujiin hirmaanna guddaa godhe. Namoota hedduulle itti dhabe. Garuu Erga Lammaan Magarsaa Pireezidantii Oromiyaa tahee haalli suuta jijjiiramuu jalqabe. Sababoota asitti ibsuun hinbarbaachifneef Lammaan ummata Gujii irraa jibba guddaa akka qabu maanguddoonni Gujii irra gahanii turan. Anille sirritti dhagahee ture. Xiqqoo turee innumti dubbii gadi baafate. Haalli kanumaan osoo jiruu, Daawudi Ibsaa gaafa Finfinnee gale, abbootii qabeenna Gujii namni kun qabsoo Oromoo irratti miidhamee jira jettee qarshii walitti baastee badhaasa warqii kenniteef. Lammaan haala Kanaan wolqabsiisee waan jedhe qaba. Jechoota inni dubbate hunda asitti barreessuun hinfayyadu ammaaf. Muraasni isaa: ‘Gujiin ummata Oromoo fi Gedoo buqqiseera’ jedhe miidiyaan bayee dubbate. Waraanni Gedoo fi Gujii ittuma fufnaan maanguddoonni waajjira isaa deemanii deeggarsa karaa poolisii Oromiyaatiin nuuf godhaa jedhanii gaafatan. Sababni isaanii waraanichi dangaa Oromiyaa sarbaa jira jedhaniiti. Ni dide. Maanguddoonni sunille karaa galan dhabanii, gara Arbaa Minciitiin marfatanii Bulee Horaatti deebi’uuf yaalii irra osoo jiranii Sooddoo irratti hidhamanii bubbulanii turan.
Woraanichi itti fufe. Abiyyi si’aa lamaa oli ummata Gedoo bakka Gadabi jedhamutti dhufee dubbise. Dhumarra Gujiille hanga mana 500 olii nurraa gubatee nubira dhaabbadhaa jennaan Qarcaa irratti kaabinee isaa qofa waliin mari’atee deebi’e. Kun bara 2018 keessa ture. Gujiin deeggarsa tokko malee woraana san irra aanee daangaa Oromiyaa kabajsiise. Eragsii woraanni Gujii irraa hindhaabanne. Garuu Mootummaan Oromiyaa yoos namoota Gujiituu hedduu hidhee ture.
Osoo haalli kun Kanaan jiruu Woraanni Bilisummaa Oromoo karaa kibbaatiin dhufee baadiyyaa Gujii gammoojjii fi bosonalletti kaambii ijaarratee qubate. Gujiin woraana kanaaf nyaataa dhugaatii hunda godhee ilmaan Oromoo jedhee keessumeesse. Kana immoo Mootumumattu waamicha godhe woraana kanaaf. Osoo woraanni kun achuma jiruu Lammaan kuun faati walii galtee araaraa diiganii woraanaaf karaa banan.
WORAANNI UMMATA KEESSA GALE UMMATA AKKAMITTI AKKA MIIDHUUF BALAA ISAA SIRRITTI WAAN BEEKANIIF KANA ITTI YAADANII GODHAN.
Akkuma karoorfame, gareen woli lolu lamaanuu ummata balleessuu, qabeenya saamuu, dubartii gudeeduu, nama jajjabaa ijjeesuu, abbootii qabeenyaa saamuu, kaan biyyaa ari’uu, kaan qabeenya jalaa barbadeessu jalqabe. Guyyaa tokko Magaala diqqoo Fincawaa jedhamtu keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa namoota kudhanii oli fixe. Taayyee Dandahaa fi Birhaanuun Juulaa yakkicha ni waakkatan. Aktiivistoonni Oromoo kan mootummaa mormanii fi deeggaran ragaa gama kanaan isaan bira gahu dhoksaa turuu isaanii quba qabna.
Namoota qabeenya qabanii fi dhimma ummataa dubbatan qaamni hidhate qabee qarshii gaafatuu jalqabe. Qarshiin kun miseensota Poolisii Oromiyaa fi Raayya Ittisa Biyaatiifille akka hiramaa ture namooti hedduun quba qaba. Worrumti mootummaatuu Shaakkisoo irratti waan qabanitu ture. WBO deeggartan jedhanii abbootii qabeenyaa hedduu guuranii hidhan worri mootummaa. Ragaan eessaa akka bahu hinbeekkamu. Jarri rakkoo qabaatuu dandeetti, ani ka jedhaa jiru waanuma ta’e isiniif seenessuu barbaade.
Miidiyaaleen Afaan Oromoo hedduun hujii ummata Gujii cabsu gudda hojjataa turan. Namoota ciccimaa fi jaarsolii biyyaa waamanii gaaffii gaafatu.Gaaffiin gaafatmu gaaffii siyaati. Maanguddoonni garaa baldhatanii waan yaadan dubbatan. Achiin duuba namoonni sun qaamota hinbeekkamneen ajjeefaman. Keessattuu OBN, BBC Afaan Oromoo fi kanneen biroolle. Miidiyaaleen kunniin ergasii gabaasa sobaa hedduu Gujii irratti hojjachaa turan. Namoota ummata dura jiran kanneen akka Aagaa Xeenxanoo, Jiloo Maandhoo, Miidhagaa Netee fi abbootii Gadaa hedduu olola hintaane karaa garagaraatiin irratti banan. Kaleessuma kanalle waan BBC Afaan Oromoo gabaasaa jiru ilaalaa mee. Haala kanaan Gujii akka ummata misooma hinbarbaannetti, akka ummata duuba hafaatti, akka ummata wolii hingalleetti, akka ummata siyaasaa hinbeenneetti, akka ummata tokkuma Oromoo hinbarbaanneetti, akka ummata saboota olla jibbuutti dhiyeessaa bayan woggoota 6 darban kana. Kun duubduuba dubbiiti. Kana giddutti miidiyaa fi namoonni siyaasaa gaaffilee Gujiin gaafate akka itti dabsan haa ilaalluu.
1. GUJIIN MAQAA NU HINBALLEESSINAA, SEENAA KEENNA HIN XUREESSINAA/ HINHAQINAA, GUJOOMA KEENNA HINTUFFATINAA JEDHE. AKUMA OROMOO BIRAATTI NU ILAALAA JEDHE.Tun haqa ammalle Gujiin gaafataa jiru.
GUJIIN OROMUMMATTI AMANUU DIDE, GUJIIN GANDA KEENNA MALEE JEDHE JEDHAN! Tun olola Gujii irratti fe’an.
Sababa kanaan namoonni Gujii tahan tokko tokko amma dhimma Gujii kallattiin barreessuu worra sodaatan argaa jirra. Muraasni ani Gujii jedhee miidiyaa hawaasaa irratti barreessuu sodaataa jira. Kun miidhaa xiinsammuuti. Namoonni akkana ofi sirreeffadhaa. Isin sodaattanulle biyyu Oromoo Gujii akka taatan isin beetti.
2. GUJIIN LAFA TEENNA MAQAA IRRAA JIJJIIRTANEE GOSA OROMOO BIRAATIIF HINKENNINAA JEDHEE GAAFATE (DHIMMA NAGEELLEE).MALLATTOOLEE AADAA GUJII MUL’ISAN MAGAALA NAGEELLEE KEESSAA BUQQISTANII HINGUBINAA JEDHE.
Oromoon hundinuu bakka qubate qaba. Bakka qubate san maqaa itti baafata. Maqaa Gujiin ittiin waamu jijjiiranii tokkummaa Oromoo ijaarra jedhanii sobaan gadi bahan. Gujiin tana morme.
GUJIIN BOOARANA YKN GOSOOTA OROMOO BIRAA JIBBA JEDHAN.
Kun olola siyaasaan Gujiirra keye. Gabaasa kaleessa BBC Afaan Oromoo baase keessatti Abbaa Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo raga godhachuun akka Booranni Gujii keessa dabree gara giddu gala biyyaa hindhaqneetti dhiyeessaan. Mee nama Booranaa tokko kan Gujiin sababa Nageelleetiif miidhaa irraan gahe jiraa? Kun olola sobaati.
3. GUJIIN CAASAA MOOTUMMAAN BIFA NU MIIDHUUN CAASEFFAMAA JIRA JEDHE. CAASAAN KUN HEERAA OROMIYAAN ITTIIN BULTU HINEEGNEE; CAFFEEN HINMURTESSINEE; SEENAA KEENNA HAGUUGUUF GODHAME JEDHE; MARII FI FEDHII UMMATA GUJII GIDDU GALA HINGODHANNEE MURTEE KEESSAN IRRA DEEBI’AA NUUF ILAALAA JEDHEE GAAFATE GUJIIN.
Keessattuu ummata Gooroo Doolaa mormii isaan ibsataniif tajaajila mootummaa hunda irraa kutan. Barattoonni barnoota dhabaa jiran. Hojjataan mindaa hiqabu. Namoonni hedduun hidhaa jiran.
GUJIIN CAASAA MOOTUMMAA MORME JEDHAN. GUJIIN GOODINA BOORANAAF KENNAN HINAAFEE OBBOLESSAA ISAATTI DUULE JEDHAN. GUJIIN MOOTUMMAAF AJAJAMUU DIDE.
Kun olola itti yaadamee ummata rukutuuf garee siyaasaa fi miidiyaatiin qindaaye. Gujiin mormii isaa keessatti waan Boorana miidhu maal kaasee beeka?
4. GUJIIN MISOOMNI ALBUUDAA FI INVESTIMENTII HEDDUUN KARAA MOOTUMMAATIIN GEGGEEFFAMAA JIRU FAYIDAA UMMATAAF HINOOLLEE JEDHE.
Kaampaanonni keemikaala bishaanti gadi dhiisuun ilmaan namaa fi bineensaa lafarraa balleessaa jira. Gujiin gama kamiinuu itti yaadamee faayidaa daldala albuudaa kana akka hin arganne godhame. Godinoota lamaanuu keessa karaan gaariin hinjiru. Hospitaalli hinjiru. Manni barumsaa gaariin hinjiru.
GUJIIN MISOOMA MOOTUMMAA MORMA. TARSIIMOO DURA DHAABBATA. QABEENYA JIRU MARA IFUMAAF FAYYADAMNA JEDHEE MORMA JEDHAN. Kun olola sobaati.
5. GUJIIN HEERRI FI SEERRI AKKA HINCABNE MORME. HAQA DABUU DURA DHAABBATE.
Kanaaf Aanaan Gooroo Doolaa fakkeenya guddadha. Mootummaan garuu ofiif seera cabsee namoota kanniin hidhee bira taa’a.
GUJIIN AJAJA MOOTUMMAA FUDHATUU DIDE JEDHAN. Kun olola sobaati.
6. GUJIIN BEELAAN FI GOGIINSAAN MIIDHAMNEE DEEGGARSA NUUF GODHAA JEDHE.
Aanaaleen gammoojjii hundi beelayanii jiru. Horiin ummata harkaa dhumee ture. Naannoo Waadaraa koleeraan namoota hedduu fixe. Miidhaa kanaaf deeggarsa gaafate ummati. Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma kana lafaa hinfuune. Worri deeggarsa godhan kan akka Aadde Adaanechi Abeebee yomiiyyuu ummata miidhamaa kanaan ni yaadatamu. Ammalle ummani Gooroo Doolaa qonna hinqotannee, beelli bona itti aanu kana ittuma deemaa jirti.
GUJIIN DEEGGARSA OROMOOTA BIRAATIIF GODHAN HINAAFE JEDHANII DEEGGARSA DHOWWATAN. Kun olola sobaa.
Yoo hinbeelayin silaa deeggarsaa maaliif gaafata ummanni?
Kana asumatti gabaabsuun, haalli amma ummanni keessa jiru maan fakkaata yo jettan, Magaala Adoolaa, Shaakkisoo fi Bulee Horaa baay’inni ummataa hanga humna magaalotaatii oltahee jira. Namoonni woraana baqachuu, beelaa fi miidhaa gara garaa dandamachuuf magaalota kanatti baqataa jiran. Keessattuu laakkofsi shamarraanii fi daa’immaanii magaalota kanniin keessa humnaa oli dabaleera. Hedduun shammarranii humna woraanaatiin (kan mootummaa fi kan hidhatee socho’uunille) akka gudeedamanii kuun ulfayanii fokkoo fi salphinna haawaasa isaanii keessatti isaan irra gahe dandamachuu dadhabanii baqatanii magaalota keessa karaarra dhaabataa oolu. Waan nyaatan hinqaban. Bakka bulii hinqaban. Namuma isaan keessummeessetti siqanii jiraataa jiran. Fuudhanii ykn heerumanii ykn baratanii eessalle gahuuf abdii hinqaban. Fuuldurri isaanii dukkana. Dhukkubsatan namni isaan woldhaansisu hinjiru. Osoo mana yaala hindhaqin karaa hintaanee shamarraan umrii isaanii waggoota 18 hinguunne hedduun akka ulfa ofirraa baasaa jiran Adoola keessatti maddeen hedduu irraa dhagaye. Baasanii dubbatuu saalfatanii, fuula guuranii guyyaan lafti itti dukkantee deeman. Namni hubatee ilaale rakkoo namoota kanaa fuuluma isaanii irraa bara. Gadda garaa nama nyaatu.
Fuuldurri ummata kanaa maal taha? Ummanni osoo calliseelle taa’e duutii manumatti itti dhufaa jirti. Takka beelaan dhuma, takka woraanaan dhuma, takka keemikaalaan dhuma. Karaa kamiinuu duutii ummaticha kana irratti murteefamtee jirti. Kanaaf dhalli namaa du’uun dura wonni godhuu qabu ofirraa ittisuudha.Wixiratuudha. Gujiin mormii siyaasaa irra hinjiru. Gujiin oli aantummaa isaa kabajichisiisuuf mormaa hinjiru.
GUJIIN JIRAACHUUF QOFAA WIXIRATAA JIRA. NAGAAN BAYEE GALUUF MORMATAA JIRA. NYAATEE BULUU DANDA’UUF IYYAA JIRA. BILISUMMAAN SIYAASAA LUBBUUN JIRAACHUUN DUUBA DHUFTI. NAMA LUBBUUN JIRAATETTI BILISUMMAAF DUBBATA.
Intalli Gujii caarraa barattee nama tahuu, ykn heerumtee ilmee horatuu sodaattu irra gahaa jirti. Ilmaan Gujii baratanii hujii argachuun ammaan tana waan hin yaadamne ta’eera. Kanaaf Gujii qofa osoo hintaane biyya guututtuu rakkoorra jira. Qarshii malee hujiin hinjirtu. Qarshii malee eeyyami tokkolle hinjiru. Namani qarshii qabu ammaan tana biyya tana keessatti waan hunda qaba. Namii fi laftille kan isaati. Waan fedhe dalagaa jira. Seerri kamiiyyuu gaafataa hinjiru. Kun akka amma biyyi keessa jirtu.
Falli….?
Nagaan!