Ilma Horroo

Ilma Horroo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ilma Horroo, Grocers, Horro, New York, NY.

05/03/2025
02/20/2025

Inisheetivoota Bu'uureessuun Jiruufi Jireenya uummataa Jijjiiree Jira.
==
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiiwwan hojjetaman hunda ariitii, qulqullinaafi baay’inaan hojjetamee bu`aa qabatamaa fayyadamummaa hawaasaa sadarkaa olaanaan mirkaneessan argamsiisaa jira. Kunis inisheetivota adda addaa bonaafi ganna hojjetaman bocuun haala baratamaa ture keessaa ba`uun akka yeroon amma irra jirru barbaadutti akka hojjennu kan akeekuu dha. Bu`aa qabatamaas fiduun hawaasa biratti fudhatamuun jaallatamaa jira.

Gama damee misooma qonnaan qofa inisheetivota 28 ta`an bocamuun hojiirra oolaa jiru. Akka waliigalaatti inisheetivota hojiirra oolchuun kan yaadameef oomishaafi oomishtummaa gama hundaan dabaluun wabii nyaataa mirkaneessuu dha. Kanaan alattis oomisha alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu, al-ergii guddisuufi carraa hojii heddumminaan lammiileef uumuu irratti bu`aa kan agarsiisaa jiruu dha. Guddina dinagdee biyyaa keessattis tumsa guddaa taasisaa jira.

Gama qonnaan bulaan eeggattummaa roobaa jalaa ba`uun bona jallisiin oomishuu,gosa midhaanota baratamoo hin taane waqtii gannaafi bona oomishuu jalqabuu,hojjetaan hojii hojjetamu teeknoloojiin fayyadamuun hojjechuun tajaajila saffisaa kennuufi dhaloota waa kalaquu danda`uufi carraa hojii uummachuu danda`u horachuun bu`aa inisheetivota bu`uuressuun argamaa jiranii dha.

Kana malees humnoota waloo gurmeessuun hojii hojjetamaa jiruunis bu`aa argamsiisaa jira. Dimshaashumatti inisheetivoota gama oomisha midhaanii, horsiisa beeyladaa,kenna tajaajilaa,barnootaafi teeknoloojii fayyadamuuf bocaman bu`aa qabatamaafi boruuf abdii namatti horu kennaa jiru.

10/31/2024

With Tewodros Tefera – I just got recognized as one of their top fans!

Galatoomi Abbaa Malaa!= = = = = = =Sabni guddaan aadaa guddicha eegeera, Abbaan Malaas Daandii Abboota isaa hordofee olk...
10/05/2024

Galatoomi Abbaa Malaa!
= = = = = = =
Sabni guddaan aadaa guddicha eegeera, Abbaan Malaas Daandii Abboota isaa hordofee olkaaseera!

Oromoon Aadaa isaa eegee asiin ga'e jira. Aadaa isaaf uummata hirriba hin qabneedha. Argaa dhageettiidhaan aadaa fi seenaa isaa daddabarsaa kan jiraate uummata guddaa gaanfa Afriikaati. Haa ta'u malee akka salphaatti hin turre.dararaa fi mankaraara hamaa keessa ture. Akka salphaatti as hin geenye, ilmasn isaa hedduu itti wareege.har'a uummanni kun haala miidhagaa ta'ee fi dhiibbaa tokkoon maleetti irreecha kabajachaa jira. Umurii harraagessaa Abbichuu keenyaaf.

Uummata kana ulfina kanaan kan ga'an ijoollee isaa fiiganii hin quufne akkasumas hooggantootaaf kabajaatu isaaniif mala. Kanaaf ammoo ilmi Abbaa Gadaa qaaliin, looreetiin nagaa Addunyaaf galatatu malaafi. Galatoomi Abbaa Malaa!

Address

Horro
New York, NY

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ilma Horroo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category