06/07/2024
AJANDAALEE MUSLIMOOTA ITIYOOPHIYAA ADEEMSA MARII BIYOOLESSAA IRRATTI DHIYAATAN
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌
Biyyi keenya Itiyoophiyaan waggoota kumaatamaan lakkaawamaniif adeemsa ijaarsa
mootummaafi bulchiinsa ummataa akkasumas walitti dhufeenya ummata sabdaneessaa walxaxaa dheeraa keessa dabartee jirti.
Adeemsa kana keessatti ummattonni biyyattii cunqursa bulchiinsa, siyaasaa, sabummaa fi amantiis keessa darbaniiru. Walitti hammaachuu kunneen waggoota kurnaan dhiheenya darbaniin asittiammo waan hammaataniif biyyi keenya taateewwaan meeshaa waraanaa nama fudhachiisaniis dabartee jirti.
Rakkooleen maddi isaanii amantaa ta’e yeroo biyya keenyatti mudatan ni argama. Keessattuu
muslimoonni iddoo itti waaqeffatan ijaarachuu dhoorkamuunfi iddoo awwalchaa dhabuun yeroo
kana irra hammaatu ammo hanga ammaattuu(yeroo amma keessa jiruu kana) naannooleen Masjinni itti ijaaramuun itti dhoorkamu akka jiran ni mul’ata. Uffannaafi mallattoolee amanticha ibsan fayyadamuun ifatti dhoorgamui jiraachuun ni hubatama. Akkasumas akkataan uffannaa Islaamummaafi wantoonni amantii Islaamaa ibsan akka ifatti hin raawwatamne nitaasifama.Dubartoonni Muslimaa lammiilee Itoophiyaa hijaaba uffatanii akka hin
baranne.Akkasumas beekumsaa fi ogummaaa isaanitiin bifa amantiin isaanii isaan ajajuun hijaabauffatanii dhaabbattoota mootummaa fi kan dhuunfaa gurguddoo keessa akka hin hojjanneef uggurri qacarrii baldhinnaan ni muldhata.
Mariin guutuu biyyattii fi waliigalteen biyyoolessaa Itoophiyaa keessatti kanaan dura ajandaa qaamolee gaaffii isaan kaasan cinquu fi seeraan gaafatamttoota taasisan ta’ee turee jira.Jijjiirama biyyoolessaa waggoota shan dura dhufe hordofee mootummaan jijjiiramichaa ejjannoo marii biyyoolessaa waliin jireenya waata’aa ummattoota biyya keenyaatiif wabii ta’uu danda’u gaggeessuudhaan waliigaltee biyyoolessaa irra ga’uudha jedhu akka qabaate ni yaadatama waanta’eef kannneennii fi dhimmoota biyyoolessoo biraas waltajjii irratti waliin mari’achuudhaan akka hiikuuf dandeessissuuf komishiinii marii Biyyoolessaa bu’uura Labsii Lakk. 1265/2015 tiin itti waamaamni isaa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatiif ta’ee dhaabbata walaba of danda’e
ta’ee hundeeffameera.
1️⃣ Jalqabbiin Seenessa Jalqaba Seenaa, Jalqaba Biyyaa, Jalqaba Tokkummaa Biyyaa,
Babal’ina Amantii fi Ummatootaa (Kkf) Irra Deebi’anii Ilaaluu.
📕📕📕📕📕📕📕📕📕📕📕📕📕
Jalqabbiin Seenaa hundeeffama biyyaa;gaaffii ummatoonni biyyattii yoomiifi eessatti akkaataa
kamiin akka isaan hundeessummaa fi abbaa biyyuummaa gonfatan nideebisa. Moggasni ‘Abbaabiyyaa’ fi ‘Galtuu’ jedhuus yaada bu’uura kana irraa madda. Biyya keenna keenna keessatti
immoo jijjiirama seeneffamaa bu’uuraafi hundeqabeessaa wantooto barbaadan keessaa ijoon isa kana. Seenaa hundeeffama Biyyaa. Hawaasni Musliimaa Itiyoophiyaa seenaafi seeneffama mataa isaa qaba. gaafii jiraachuufi jiraachuu dhabuu qaba. seenaafi seeneffamni gara garaa ija xiinxalaatiin ilaalamee sakatta’amee eddoon isaaf malu kennamuufii qabaata.
Kanaafuu haala walqixxuummaa eeggateefi al-loogummaafi haqummaa qabuun seenaan
isaa kun qaama seenaa biyyatti akka ta’ee galmeeffamuuf nifedha. Seenaafi seeneffama
hundeeffama biyyaatiin walqabate wanti jiruufi seenaan dhufiinsa Ummatootaafi