Abdii.sheekaa

Abdii.sheekaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abdii.sheekaa, Grocers, Abdii. sheekaa, Aden.

13/09/2023

Abdii.sheekaa

06/09/2023
23/08/2023

Dubartii Takka Fuudhuuf Waa Afur Keessaa Takka Laalan !!!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Hadiisa Isaanii Keessatti Akkana Ja’an. “ Dubartiin waa afuriif fuudhamti”.

1: Qabeenya Isiitiif
2: Gosa Isiitiif
3: Bareedina Isiitiif
4: Diin Isiitiif

• Tan Diin qabdu filachuun sirra haa jiraatu jechuun Rasuulli Keenya Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Nuuf dhaaman.

• Hiikkaan Hadiisa kanaa akkana : Namni Yeroo fuudhaaf kahu dubartii irraa waan afuran kana laala, garuu tan Diin Qabdu fuudhi jechuudha.

• Qabeenya Isii Laaltee yoo fuute Qabeenyi Guyyaa Tokko dhumuun isaa hin oolu.

• Gosa ykn Shanyii intalaa Laaltee yoo isii fuute gosti San zalaalam hin jiraattuu beekhi.

• Bareedina isii laaltee yoo fuutees bareedinni isiin Gaafa dubraa qabdu hundi Gaafa isiin dhalte irraa eegalee akka jijjiramaa deemu hin dagatin.

• Intalti Diin qabdu ammoo Warra kana hundaa oli Diin abadan hin jijjiiramu, tanaafuu intala Diin qabdu, tan dhugaa Rabbii isii Sodaatu filachuun sirra haa Jiraatuu.

Warra hin fuudhin hunda Rabbiin intala Diin Qabdu isaanitti haa qabu, Warra fuudhee if jalaa qabuus Rabbiin jaartii isaanii diin islaamaatiin isii haa faayu.

Barreeffama Kana Dubbisaatii Waliif Gootu Malee Bira Hin Kutin.
Adinan Taju Mohammed

Address

Abdii. Sheekaa
Aden

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdii.sheekaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category