09/08/2022
Barii Qeerroo Oromiyaa
Ibsa M Ibro
Hiriyaa kooti jettee
Yeroo itti dhihaattu
Gaarii si fakkaatee
Sitti hojjata hamtuu
Gubbaasaa ilaaltee
Yoo jette namakoo
Cal'dhisee si ilaala
Gaafa seentu rakkoo
Hammeenyi hiriyaa
Si buusa hallayyaa
Sirritti gad qabdee
Firraa laaltu wayyaa
Wajji nyaanne je'ee
Garaa siif hin laafne
Rakkootee rakkatee
Nama siif hin yaanne
Nageenya barbaaddu
Itti akkan dhihaanne
Jireenyi addunyaa
Barbaadus hiriyaa
Hiriyaa sirriidhaa
Yoo filatte wayyaa
Gaariin akka jirus
Hin dagatin garuu
Hiriyaa rakkootee
Akka argeen furu
Hunda hin amanin
Baay'inaan hin jiruu
Bitaa fi mirga laali
Yeroo deemtu karaa
Gufuu sitti ta'ee
Sakaalee si qoraa
Gubbaasaa ilaaltee
Hin abdatin nama
Gaarii si fakkaatee
Sirraa fayyadamaa
Hiriyaan qoramuu
Isin haa baraaruu
An Isiniif dhaame
Booda dararamuu
Hiriyaa gubbaa miti
Keeysa kan laalamuu