Ibsa Abdul Aziz

Ibsa Abdul Aziz Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ibsa Abdul Aziz, Grocers, oromiya, Taiz.

22/08/2022
30/07/2022

AS WR WB
Obboleyyan

16/07/2022

Maqaalee Rabbii 99 hiikkaa isaa waliin akka Asiin Gadiitti Laalaatii Sammuutti Haffazaa.

1⃣Allaah⇦ jechuun goofta ibaadaa hunda haqa godhatu
2⃣Arrahmaan⇦Jechuun duniyaarratti kan hundafuu rahmata godhu
3⃣Arrahiim⇦jechuun akkuma duniyarratti karaa haqaatti isaan qajeelchee Akhirattis mu'umintoota qofaaf kan Rahmata godhu
4⃣Al Afuwwu jechuun irra dabraa gabrichi tokko akka adabamuu qabu osoo beekuu kan dhiiseefii irraa darbuuf jechuudha
5⃣Al ghafuuru ⇦jechuun Araaramaa kan badii namarratti osoo beekuu nama hin saaxilin
6⃣Al ghaffaaru ⇦jechuun kan osoo gabrichii akkaan balleessuu inni ammoo akkaan Araaramuuf jechuudha
7⃣Arra'uufu⇦ jechuun Abbaa Rahmata guddaa kan uumama isaa hundaaf Rahmata oolu
8⃣Al haliimu⇦ jechuun Akkaan obsaa kan nama adabuutti hin ariifanne jechuudha
9⃣Attawaabu⇦Jechuun dhiifama godhaa kan gabroottan isaa akka dhiifama isaa kadhatan taasisu
🔟Assittiiru⇦jechuun haguugaa kan gabricha isaa hin saaxillee fi kan gabrichi isaa akka of hin saaxillee barbadu

1⃣1⃣Al ghaniyyu⇦jechuun dureessa kan uumama isaatti tasuma hin dhimmamne
1⃣2⃣Al kariimu⇦jechuun Arjaa kan kenni isaa hedduu Abbaa fedheef waan fedhe kadhaanis ta'e kadhaan maleetti kan kennu
1⃣3⃣Al'akramu⇦ jechuun akkaan arjaa kennuu keessatti kan dikkaa ga'e
1⃣4⃣Alwahhaabu⇦Jechuun irraa badhaasaa (qananiisaa dugda baasuun maleetti kan kennuufii sababaa malee kan arjoomu
1⃣5⃣Aljawaadu⇦jechuun irraa arjaa kan kenni isaa baay'achuu keessatti hammna hin jedhamne
1⃣6⃣Alwaduudu⇦Jechuun jaallatamaa kan gabroottan isaa gaggaarii jaallatee namas jaalachiise isaan gammachiisu
1⃣7⃣Almu'uxii⇦Jechuun kennaa kan uumama isaa keessaa Abbaa fedheef waan fedhe kennu
1⃣8⃣Alwaasi'u ⇦jechuun Abbaa bal'inaa kan guddinni isaa mootummaan isaatiifi Rahmatni isaa bal'aa ta'ee
1⃣9⃣Almuhsinu⇦ jechuun tola oolaa kan ofii isaatii fi haalli isaa hundi guutuu fi gaarii ta'e
2⃣0⃣Arraaziqu⇦jechuun kennaa Rizqii kan uumama hundaaf rizqii qoodee akka isaaniif malutti kennuf

2⃣1⃣Arrazzaaqu⇦Jechuun akkaan hiraa kan osoo isaan itti balleessaniiwaa
n isaan barbachiisu kennuuf
2⃣2⃣Allaxiifu⇦Jechuun hunda beekaa kan waan dhokataa hunda beekuu fi kan waa isaa jalaa hin dhokanne
2⃣3⃣Alkhabiiru⇦Jechuun keessaa beekaa kan beekumsi isaa waa hunda marsee jiruu
2⃣4⃣Alfattaahu⇦Jechuun kan banu / injifachiisu kan dilbii qabeenya isaa abbaa fedhee banee mootummaas ta'e qabeenya harka Abbaa fedhe kahuu
2⃣5⃣Al'aliimu⇦jechuun irraa beekaa kan keessaa fi duuba waa hunda waan darbee fi waan sichi ykn refuu dhufu kan beeku
2⃣6⃣Albarru⇦Jechuun akkaan tola oolaa qananiin isaa lakkoofsa hin qabnee fi kan wareegni isaa dhugaa ta'e
2⃣7⃣Alhakiimu⇦jechuun beekaa murtii kan waan hundaa bakka isaaf maluu kahuu
2⃣8⃣Al hakamu⇦Jechuun haqa murteessaa kan haqaan murteessuu fi akka namni ittiin murteeffatuuf jecha kitaaba haqaa buuse
2⃣9⃣Ashaakiru⇦Jechuun galateeffataa nama isaa galatoomfatu kan faarsuu fi waan xiqqoo hojjetan kan namaa qeebalu
3⃣0⃣Ashakuuru⇦Jechuun galateeffama kan hojji gabrichaa isaa baay'iseefi mindaa isaa dabaluuf

3⃣1⃣Aljamiilu⇦jechuun miidhagaa innis maqaan isaatiifi haalli isaa bareedaa kan ta'e
3⃣2⃣Almajiidu⇦Jechuun ulfaataa samii keessattis dachiirratti kan kabajamuuf ol ta'iinsi kan isaaf malu
3⃣3⃣Alwaliyyu⇦jechuun jaalallee hunda kan dhimma gabricha isaa rawwateefi gargaaru
3⃣4⃣Alhamiidu⇦Jechuun galatoomfatamaa kan maqaa isaatiinis ta'e haala isaa akkasumas hojii isaarratti galatoomfatama kan ta'e
3⃣5⃣Almawlaa⇦Jechuun jaalallee /gargaaraa gooftaa mootii akkasumas kan gabroottan isaa gargaaru
3⃣6⃣Annasiiru⇦jechuun tumsaa kan nama inni tumseef wantii mo'atu hin jirre
3⃣7⃣Assamii'u⇦Jechuun dhaga'aa ykn dhagahaa icitiis ta'e sagaleen kamiyyuu kan isaa jalaa hin dhokanne
3⃣8⃣Albasiiru⇦jechuun argaa kan argaan isaa waan hunda wal ga'ee fi waa tokkollee isaa jalaa dhokachuu hin dandeenye
3⃣9⃣Ashahiidu⇦Jechuun hordofaa / Ragaa kan uumama isaa to'atuu fi tokkichummaa isaa akkasumas haqaan murteessuurratti kan ragaa ofii bahee warra itti amaneef ragaa bahuu
4⃣0⃣Arraqiibu⇦jechuun hordofaa hundaa kan haala hunda gabrootaa kan to'atu

4⃣1⃣Arrafiiqu⇦Jechuun gara laafaa suuta jechuu kan jaallatuu fi kan gabroottan isaatti laaffisuu jaallatu
4⃣2⃣Al qariibu⇦Jechuun dhihoo hundaa arshii isaarra jiraachuu waajiin beekumsa isaatiifi dandeeytii isaatiin uumama isaatti dhihoo kan ta'e
4⃣3⃣Al mujiibu⇦Jechuun owwaataa kan nama isa kadhateef kadhaa isaa dhagaheefii waan fedhii isaatii kennuuf
4⃣4⃣Almuqiitu⇦Jechuun uumaa fi Raabsaa yeroo fi soorataa
4⃣5⃣Al hasiibu⇦Jechuun akkaan herreegaa kan waan gabrootii isaa barbaadan guutee waan isaan duniyaatti hojjetan Aakhiraatti isaaniif kennu
4⃣6⃣Al mu'uminu⇦Jechuun dhugoomsaa kan ergamtoota isaatii ragaa bahee dhugoomsuufi kan duniyaattis ta'e Aakhiraatti nagaa buusu
4⃣7⃣Axxayyibu ⇦jechuun gaarii kan hirdhu ykn hirru hundarraa qulqulluu ta'ee fi kan waan gaarii hundaan guutuu ta'e
4⃣8⃣Al mannaanu⇦Jechuun badhaasaa kan tolli isaa guddaa kan qananiin isaa bal'aa kan kenni isaa baay'ee
4⃣9⃣Ashaafii⇦Jechuun fayyisaa dhukkuba qalbiis ta'e kan qaamaa kan fayyisu
5⃣0⃣Al hafiizu⇦Jechuun tiksaa kan gabroottan isaa eegu

5⃣1⃣Al wakiilu⇦Jechuun irkoo hundaa kan Addunyaan kun hundi uumuufi sirreesuu keessattis ta'e waan hojjetaniifi waan barbaadan keessatti isatti hirkatan
5⃣2⃣Al khallaaqu⇦jechuun Irraa caalaa uumaa waa hundaa duras kan uumee fi gara fuul duraatti kan uumu
5⃣3⃣Al khaaliqu⇦Jechuun uumaa kan osoo wahirraa hin ilaalin jalqabee uume
5⃣4⃣Al baari'u⇦Jechuun haaraa argamsiisaa kan waan ofii uumee argamsiise kana ifatti baase
5⃣5⃣Al musawwiru⇦Jechuun suuraa fedhe irratti uumaa
5⃣6⃣Arrabbu⇦Jechuun guddisaa/
horataa waa hundaa
5⃣7⃣Al aziimu⇦Jechuun ulfaataa/
guddaa/kan maqaan isaas ta'e innis kabajamaa ta'e
5⃣8⃣Al qaahiru⇦Jechuun injifataa kan wanti isa malee jiru hundi isaaf gadi jedhuu fi kan waa hundi isa jalatti bulu
5⃣9⃣Al qahhaaru⇦Jechuun dirqisisaa ykn cacaabsaa
6⃣0⃣Al muheeyminu⇦jechuun Eegaa waa hundaa kan ta'eefi kan to'atu jechuudha

6⃣1⃣Al aziizu⇦Jechuun injifataa kan waa hunda ijifatuufi kan wanti tokkollee hayyaama isaa malee hin sochoone jechuudha
6⃣2⃣Al jabbaaru⇦Abbaa humna cimaa kan waan fedhe bakkaan gahuu danda'uu fi kan uumamni hundi isaaf gadi jedhuu fi kan waa hundi harka isaa kajeelu
6⃣3⃣Al mutakabbiru⇦jechuun boonaa kan hir'inaa fi waan isaa hin malle hundarraa akkasumas gabroottan miidhuu irraa kan ol ta'ee fi warra boonuu gadi qabee kan xiqqeessu jechuudha
6⃣4⃣Al kabiiru⇦jechuun guddaa ofii isaatiifis ta'e maqaa isaatiinis guddaa kan waa hunda caaluu fi wantii itti qixxaa'u kan hin jirre
6⃣5⃣Al hayiyyu⇦Jechuun saalfataa saalfii isaaf malu kan saalfatu nama isa kadhate kan harka duwwaa hin deebifne
6⃣6⃣Al hayyu⇦Jechuun jiraataa kan jireenyi isaa guutuu ta'ee fi asirraa jalqabee asitti dhumaa hin qabne
6⃣7⃣Al qayyuumu⇦jechuun of ga'aa kan waan ofii gochuu barbaadu keessatti waan tokkotti hin haajomne kan wanti samii fi dachii keessa jiru ammoo kan isaatti haajoman
6⃣8⃣Al waarisu⇦Dhaalaa kan erga wanti hundumtuu dhumee inni qofti hafeewanti inni duniyaa kanarratti namati kenne harka isaatti deebi'u jechuudha
6⃣9⃣Addayyaanu⇦Jechuun kan jezaa deebisu kan uumamni hundi gara isaatti deebifamee mindaa waan isaan dalaganii yoo gaarii ta'e baay'isee yoo gadhe ykn badaa ta'e ammoo akkumsaanitti osoo waa itti hin daballee mindaa kennuuf ykn araaramuuf
7⃣0⃣Al maliku⇦Jechuun mootii kan ajajuu fi dhowwuun harka isaa jiru akkasumas waan uume akka barbaade gochuu kan danda'u duniyaas ta'e Aakhiraanis kan mootummaa isaa jala jiru jechuudha

7⃣1⃣Al maaliku ⇦jechuun mooti waa hundaa
7⃣2⃣Assubbuuhu⇦jechuun hunda caalaa ququlluu kan hir'ina hundaarraa qulqullaa'e
7⃣3⃣Al qudduusu⇦Jechuun qulquulluu kara hundaan qulquulluu fi guutuu kan ta'e
7⃣4⃣Assalaamu⇦Jechuun naga qabeessa innis nagaadha maqaan isaas nagaadha hojiin isaas nagaadha nageenyi duniyaa fi aakhiraatti argamus isumarraati
7⃣5⃣Al haqqu⇦Jechuun dhugaa inni haqaan gabbaramaa ta'uu isaa keessatti tokkichummaa isaa keessatti dhugaadha
7⃣6⃣Al mubiinu⇦,jechuun ifa baasaa inni ifa galaa waa'een isaa beekamaa ta'ee kan waa hunda gabroottan isaatiif ifaa galchuu jechuudha
7⃣7⃣Al qawiyyu⇦Jechuun jabaa kan dandeeytii kana hin jedhamneefi fedhii guutuu ta'e qabu
7⃣8⃣Al matiinu⇦Jechuun daran cimaa kan dandeeytii cimaa qabuufi waan hojjetu keessatti rakkinni isa hin mudanne
7⃣9⃣Al qaadiru⇦jechuun hunda danda'aa kan wanti isaa dadhabsiisu hin jirree fi inni kan dandeeytii namaaf kennu
8⃣0⃣Al qadiiru⇦Jechuun danda'aa jechuudha

8⃣1⃣Al muqtadiru⇦jechuun Abbaa dandeeytii jechuudha
8⃣2⃣Al'aliyyu⇦jechuun hundaa ol kan ta'e dandeeytiidhaanis ta'e humnaanis waanuma hundaanuu kan hundaa ol ta'e jechuudha
8⃣3⃣Al'a'alaa⇦Jechuun ol aanaa jechuudha
8⃣4⃣Al muta'aalu⇦jechuun ol ta'aa kan olta'iinsa isaatiin wanti qixxaa'u hin jirre
8⃣5⃣Al muqaddimu⇦Jechuun dursaa kan uumama isaa keessaa akka isaaf malutti kan fedhe dura buusu jechuudha
8⃣6⃣Al mu'akhiru⇦jechuun tursiisaa kan waan fedhe dura buusee waan fedhe ammoo booda aansu akkasumas kan adaba isaanirraa tursiisu jechuudha
8⃣7⃣Al musa'iru⇦Jechuun gatii kennaa gatii wantoota adda addaa kan dabalachiisuu fi kan hir'isiisu jechuudha
8⃣8⃣Al qaabidu⇦Jechuun qabataa Rizqii kan rizqiis ta'e lubbuu ilmaan namaa of biratti qabu jechuudha
8⃣9⃣Al baasixu⇦Jechuun bal'isaa rizqii kan gabroottan isaa keessaa Abbaa barbaadeef rizqii bal'isu warri badii hojjetani ammoo akka gara isaa deebi'aniif harka isaa kan bal'isuuf
9⃣0⃣Al awwalu⇦Jechuun isaa duraa/jalqabaa isa dura kan wanti tokkollee hin jirre asirra jalqaba jechuun kan hin danda'amneedha

9⃣1⃣Al aakhiru⇦Jechuun isaa maayi/boodaa kan isaa booda wanti tokkoyyuu hin hafne wanti jiru hundi dhumee inni qoftii kan hafu jechuudha akkasumas jireenyi isaa dhuma qaba kan hin jedhamne
9⃣2⃣Azzaahiru⇦Jechuun mul'ataa kara hundaan kan waan hundatti marsee jiruuf kan waa hunda of jalatti bulchu jechuudha
9⃣3⃣Al baaxinu⇦Jechuun dhokataa kan osoo uumamatti dhihaatee jiruu uumamni Aduniyaa kanarratti isaa arguu hin dandeenye
9⃣4⃣Al witru⇦Jechuun qara inni tokkicha kan wanti itti qixxaa'u hin jirre
9⃣5⃣Assayyidu⇦Jechuun gooftaa hundaa inni gooftaa waa hundaatii uumamni isaahundi gabroottan isaati
9⃣6⃣Assamadu⇦Irkoo hundaa kan uumamni hundi itti haajomuufi kan isa kadhatanii dhimma isaanii itti dhiheeffatan
9⃣7⃣Al waahidu⇦jechuun tokkicha {kan waan gaariidhaan guutamuu keessatti tokkicha:} tokkichoome wanti isatti fakkaatu hin jiru akkuma wanti gabbaramuu haqa godhatu isa malee hin jirree jechuudha
9⃣8⃣Al'ahadu⇦ jechuun tokkichaa kan sharikaa hin qabne
9⃣9 Al'ilaahu⇦jechuun gabbaramaa kan dhugaadhaan gabbaramuu isaa malee hin jirree fi wanti isa malee jiru kamiyyuu gabbaramuu hin qabu jechuudha

★★★★★★★★★★
maqaa Rabbii ((99)) kanaa sammuutti haffazuf yaalaa ma'aana ykn hikkaa isaa waliin barakaallaahu fikuum
Dogoggoraa qubeetiif dhiifama, 🙏

Address

Oromiya
Taiz

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ibsa Abdul Aziz posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category